12/10/2021
NAAMUSA BARATAAN TOKKO QABAACHUU QABU !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: Barataan tokko ganamaan ka’ee mana barumsaa dhaquuf Galgala yeroon rafuu qaba, Galgala yoo yeroon rafte ganama subhii kaatee salaattee mana barumsaatiif qophaa’uun gaariidha.
2: Mana Barumsaa deemuun duratti qulqullina Qaamaa fii uffata keetii sirritti eeggachuu qabda.
3: Yeroo daree barnootaa seentu Barsiisaa keetii fii barattoota waliin barattan salaamtaa irratti qara’uu Hin Dagatin.
4: Barattoota waliin barattan kabaji, namaa wajjiin wal hin lolin, Kutaa keessatti sagalee tee ol kaastee nama hin jeeqin.
5: Daree Keesatti Kofla hin baayyisin, akkasumaas haasawa faaydaa hin Qabne hin baayyisin, gara Nama si barsiisuu gara galii qaamaa fii qalbiin dhageeffadhu.
6: Hayyama yoo argatte malee akkanumatti hin dubbatin, gaafii fii yaada yoo Qabaatte Harka baasii hayyama gaafadhu.
7: Qushaashaa fii wantoota qulqullina balleessaa lafatti hin darbin, qulqullina mana Barumsa keetii eegi fayyaa keetiif gaariidha.
8: Yeroo Namni si miidhe atiis nama San miidhuun hin deebisin, dhiifama namaaf godhi ykn barsiisaa keetti himadhuu Nagaya buusi, manni barumsaa bakka lolaa tahuu hin Qabu.
9: Yoo Namni tokko Tola siif oole galatoomfadhu atiis yoo dandeesse tola itti ooli.
10: Yeroo Hunda barsiisaa ykn barsiistuu tee kabajuu hin dagatin, barsiisoonni akka Haadhaa fii abbaati Kanaafuu kabajaatu isaaniif mala.
Rabbiin Warra naamusa kana hunda eeggatu Nu Haa Taasisu.
Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.
By: Ibsaa Sheikh Yuusuf